|
بسم الله
الرحمن الرحيم Barnoota Hajjii Lakkoofsa 1ffaa Jalqabni maqaa Rabbii
rahmata qabuuti
Galanni kan
Rabbii oltaheeti kan nu’uumee waan gaggaarii hunda nuuf kannee akka nuti
kheeyrii adda addaa dalagannuuf nagayaa fii rahmanni ergamaa keenya
Muhammadirratti haajiraatu sanirraan kan fayyaa nuuf kannee rizqii nuuf kannee
akka fayyaa fii rizqii saniin kheeyrii itti dalagannu kheeyrii saniin jannata
arkannu san keessaa takka dalagaa hajjiiti akkuma beekkamu torbaan dabre waajibummaa isiitii fii sadarkaa isiin qabdu dubbachuu
keenya akka yaadattan abdii keenya sanitti aansuudhaan eega hajjiin waajiba
nurra tahuu beeynee sadrkaa isiin qabduus beeynee akkamiti hajjii san goona waan
ja’urraa laallaa yoo Rabbiin oltahe nuun fedhe Yaa obboleeyyan keenya: kan
qabuus Rabbiin laaffiseefii haageeysu kan hin qabnees itti kannee isaan
haageeysuu akkaan yaadutti namni islaamaa kan hajjii dhaquu hin feene nijira
je’ee hin yaadu haalumaa fii bikkumaatu nama rakka taha malee dhugaadha kan qabu
nidhaqa kan hin qabnees fuuldura Rabbiin yeroo itti kanne dhaqa hundumaafuu kan
amma dhaqqufii kan fuuldura yoo Rabbiin fedhe dhaquus akkaataa itti dhaqanii
godhan barachuun dirqama nucufaati maaliif jannaan hujii takka hojjachuu fii
waan takka jachuu dura akkamitti hojjaanaatu dura waan san barachuutu
dura Tanaafuu barnoota hajjii durarraa hanga dhumaatti walfaana yoo Rabbiin
nuuf laaffise isiniif dhiheeysuudhaaf hawwii qabna Rabbiin nuhaa gargaaru
Dalagaan hajjiidhaa arkaanaa fii waajibaata qabdi akkasuma waan achi keessatti
dalaguun dhoorkaatii fii tan dhoorkaa hin tahiniitu jira Hunda dura waan nama
hajjii godhuuf dan dayamuu fii tan hin dandayamne laallaa
Nama
Hajjii hidhaturratti Waan
Dhoorkaa
Waan dhiiraa fii dhalaaratti Dhoorkaa:-Rifeensa ifirraa haaduu ykn gabaabsuu, Qeensa cirachuu , Shittoo
dibachuu,
Fuudhuu ykn Heerumuu, Qaadhimachuu, namaaf
nikhaa godhuuHaadha mana ofii waliin rafuu fii Bineenssa alloollachuu
bineenssa baharaa malee
Kan dhiira qofarratti dhoorkaa
Rifeensa hagooggachuu waan isatti maxxanuun Imaamata, Koofiyaa fii
K.K.F Hucuu hodhaa, Qamisa, Khofoo fii K.K.F Kophee cufaa hin
uffatu yoo da’as dhabe male. Wanni inni uffatu :- ansoolaa ykn
huccuu banaa , marxoo fii da’as ykn kophe banaa
Waan Dhalaarratti dhoorkaa
.Guwaantii (shurraaba harkaa) fii niqaaba Ergamaan Rabbii (صلى الله عليه وسلم ) ni je’e: “Dubartiin shurraaba harkaatii fii niqaaba fuulaa hin
uffattu.”Hadiisa kana Bukhaariitu gabaase.Eega kana ifirraa eey-nee booda dalagaa hajjiitti sienna
iinshaa’allaah
Arkaana Hajjii
Arkaanni Hajjii 4
1-hidhachuu 2-
arafa dhaabbachuu 3- safaa fii marwa jidduu fiiguu 4- ka’abaadhaan xawaafuu
Waajibaata Hajjii
Waajibaanni hajjii 7
1-Hidhachuu 2-Arafa dhaabbachuu hanga aduun
dhiitutti guyyaa 9ffaa 3-Muzdalifa buluu 4-Boolloo guddoo darbachuu guyyaa iidaa 5-Rifeensa cirachuu 6-Halkan ayyaamu tashriiq sadeen Mina buluu (11, 12, 13) 7-ka’abaan naannawuu (xaawaafuu)
xawaafa dhaammannaa (Xawaaful wadaa'a)
Bakka warri hajjii deemu yeroo biyya isaatii ka’e irraa
hidhatu
1-Juhfa (Warra Shaamiif) Makkarraa (186Km)
fagaatti 2-Zulhuleeyfaa (Warra Madiinaatiif) Makkarraa (480Km)
fagaatti 3-Yalamlam (Warra Yamaniif) Makkarraa (120Km)
fagaatti 4-Qarnal Manaazil (Warra baddaatiif) Makkarraa (78Km)
fagaatti 5- Zaatu'irqi (Warra Iraaqiif) makka irraa (100Km)
fagaatti
akkuma armaan olii kana warri karaa kanarra dhufu hundi asirraa
hidhata fkn nuti warri oromiyaa ykn kenyaa karaa biyya yamanirra waan dabarruuf
bakka warri yaman irraa hidhatanirraa hidhanna san Yalamlam akka yeroo hedduu
arkamu namni hedduun biyya keessaa ka’urraa dirraa xayyaaraa irraa hidhatan san
sirriidhaa miti bikka Ergamaan Rabbii (صلى الله عليه وسلم ) karaa godherraa hidhachuutu barbaachisaadha obboleyan islaamaa barnoonni hajjiidhaa asirratti hin dhumne yoo
Rabbiin nuun fedhe hanga dhumutti tartiibaan isiniif dhiheeysina arraaf
asumarratti dhaabnaa warra Rabbiin horii itti kannee ifiifiis hajjii godhee
haadhaa abbaa isaatiis goosisu nuhaa godhu warra
horii itti kannee waajiba Rabbii dagatu nuhin godhin Namni yaada biiftuu islaamaatiif qabdan yoo jiraattan sanduuqa aali
yaasir keessa jirutti kannadhaa ykn msn fii E-mail maxxansa gubbaa jiruun
kannachuu nidandeeysan |