|
بسم الله
الرحمن الرحيم Barnoota Hajjii Lakkoofsa 2ffaa Jalqabni maqaa
Rabbii rahmata qabuuti
Eegaan Rabbii
kiyya kan oltahe faarsee Ergamaa keenya nabi Muhammadirratti nagayaa fii Rahmata
buusee boodaa Obboleeyyan islaamaa isin hundaahu bikka jirtanitti nagayaa fii
rahmanni Rabbii isinirratti haajiraatu Akkuma beekkamu torbaan lamaan dabre waa
‘ee hajjii irraa dubbanne keessaafuu torbaan dabre barnoota hajjii eegallee akka
waan hafees walfaana isiniif dhiheeysinu baallama isiniif seenne turre mee yoo
Rabbiin oltahe nuuf laaffise ballama isiniif seenne san bikkaan gehuudhaaf
ijibbaata goona Barnoonni hajjii lakkoofsi lamaffaa dalagaa hajjii tan guyyaa
saddeetaffaa irraa eegalama saniis akka itti aanu kana taha
Hidhannaa
hajjii Hajjii filannaa sadihiin hidhatan
Tamattu’a,
qiiraanaa fii Ifraada Tamattu’a: baatii hajjii kessa umraa qofa
hidhachuudha Akki inni ja’ee hidhatuus akkana “awwaannaa awwaadhe umraadhaaf
(labbeeyka umratan) asiraatti wanni beeytan waan hojjatan hunda keessatti
niyachun dirqama ammo niyaan hundi qalbii keessatti niyyatan. niyaa dalagaa
hajjii malee tana sagalee olfuudhaniiti afaaniifii qalbiidhaaniis ja’ani
hidhatan Namni tamattu’a hidhate yeroo makka gehe xaawaafa yeroo torba ka’abaadhaan naannawee safaa fii marwaa jidduu yeroo
torba daddeebi’a rifeensa isaa ifirraa gaabaabsee umraa achirratti hikkata Wanni
duraan isarratti haraam taate sababaa umraa hidhachuutiin hundi halaal taatiif
hanga guyyaa saddeetaffaa hucuu isaatiis jijjiiratee haga Zulhijjaa guyyaa
saddeeti niqanani’a Yeroo guyyaan saddeetaffaa gehe guyaa ummanni hajjii godhu
gara minaa deeman inniniis bakkuma jirurraa hidhatee hareyatti ummataa wajjiin
gara minaa deema Ammoo yeroo hajjii fixate dhiigaatu irra jira (waa qaluu
qaba)
Yoo waan qalu dhabe guyyaa sadi hanga mina jiru
achitti soomanee guyyaa torba eega galee soomana hajjii fii umraan isaatiis
guutuudha jachuudha
Qiiraana: jachuun baatuma hajjii keessa hajjii fii umraa
walitti qabanii hidhachuu niyyaa isaa hajjii fii umraa walitti qabee akki je’ee
hidhatu awwaannaa awwaadhe hajjii fii umraadhaaf (لبيك حج والعمرة) osoo jiddutti hin hiikkanee akkasumatti haga guyyaa saddeetaffaa
taa’a
san nama wareega waan achitti qalu qabuuf malee
hin tahu dhiigaatu isa qabata (waa qaluu qaba achuudha)
Ifraada:
hajjii qofa hidhachuudha akkana ja’ee hidhata awwaadhe awwaannaa hajjiidhaa
(لبيك حجا )
yeroo makka dhufe xawaaful quduum (xawaafa
dhufiinsaa) xawaafee jidduu safaa fii marwaa fiigee akkasumatti hidhannaa
isaatiin taa’aa rifeensaas hin haaddatu huccuu isaatiis hin jijjiiratu hucuma
hajjii sanin taa’a haga guyyaa dhumaatti nama akkanaa wanni takkalleen isrra hin
jirtu jachuun dhiigni irra hin jiru (waa qaluun)
Ji’a kam keessa hajjii
hidhachuu dan deessa?
ji’a shawwaal, Zulqi’idaa fii kurnan
zulhijjaa keessa Eegas booda hajjii hidhachuun hin dandayamu Akkuma beekkamu bakki irraa hidhatan akkuma
amma dura ibsinee dabarsine fakkeenyaa warra oromiyaatiif ykn kenyaatiif bikka
warri yaman irraa hidhatan taha saniis yalamlam Bakki irraa hidhatan akkuma
dabarsinee bira dabarsine taha malee dirree xayyaaraa irraa hin hidhatan akka
irra hedduun ilma namaa dalagu jiru kana
Akkaataa
hidhannaa
Akkaataan itti
hidhatan akkuma sunnaa Ergamaan Rabbii (صلى الله عليه وسلم ) itti hidhate taha yeroo isaatii fii bikka irraa
hidhatanii fii akkam ja’anii akka hidhatan saniraa bikka irraa hidhatanii fii yeroo hidhatan dabarsine akkam
ja’anii akka hidhatan laallaa
Yeroo hajjii hidhatan akkam ja’an?
Ganama
hidhachuuf deemu yeroo sadi Rabbi faarsee, Rabbi qulqulleeysee Rabbi guddisee
hidhatan akkuma Ergamaan Rabbii (صلى الله عليه وسلم ) dalage. anas binu maalik irraa odeeyfamee (r.i.h) nije’e “Ergamaan
Rabbii(صلى الله عليه وسلم ) madiinatti osoo nuti isaa waliin jirruu zuhrii raka’aa afur salaate
asrii zul huleeyfatti raka’aa lama salaatee haga barihutti achuma bule eeganaa
niyaabbate haga bakka beeydaa ja’amtu gehutti Rabbi faarsee, Rabbi
qulqulleeysee, Rabbi guddise eeganaa hajjii fii umraaf hidhate” bukhaariitu
gabaase
Talbiyaa (labbeeykallaahumma labbeeyk)
Yeroo hidhattu
yoo hajjii fii umraa walitti qabdee hidhatte akkana jatta:- lbbeeykallaahumma
labbeeyk bil hajji wal umrah
Yoo hajjii qofa
hidhattu :- labbeeykallaahumma labbeeyk bilhajji Akkuma hadiisatti nuuf dhufe
Jaabir ibn Abdullaahi irraa odeeyfamee nije’e “Ergamaa Rabbiitii waliin
(صلى الله عليه وسلم ) nidhufne nutii ja’u yaa Rabbi awwaannaa awwaanne hajjiidhaaf
(لبيك اللهم لبيك بالحج ) Ammoo talbiyaan guutuun tan ergamaan Rabbii (صلى الله عليه وسلم ) ja’u tana fakkaatti hadiisatti abdallaa ibnu umarirraa odeeyfamee
nije’e “ talbiyaan (awwaannaan) Ergamaan Rabbii (صلى الله عليه وسلم ) yaa Rabbi awwaannaa awwaadhe akka shariikni siif hin jirre awwaannaa awwaadhe faaruun, qananii, mootummaan cufti teeti
shariikni (waahelli) siif hin jiru (لبيك اللهم لبيك لبيك لا شريك لك لبيك إن
الحمد والنعمة لك والملك لا شريك لك) talbiyaa
guyyaa hidhataniraa eegalanii haga boolloo darbatanitti haga Rabbi isaaniif
laafise walitti dhaabanii godhan akkasuma ammallee sagalee olfuudhuudhaan
talbiyaa godhan akkuma hadiisatti nuuf dhufe Rassuulli Rabbii nije’e “ jibriil
akka ummanni kiyya talbiyaa sagalee isaanii olfuudhanii ja’an na’ajaje” Akkasuma
ammaas yeroo hajjii
godhan talbiya qofa osoo hin taane Zikrii
godhuu, Qur’aana qarauu fii khadhaa Rabbii hedduumeeysuuniis haalaan
gaariidha
Dubartiin heeydiin itti
dhufe ykn tan dhalti isii qabatte akkamitti hidhatti?
Hidhannaan isii akkuma kana taatee garuu
bakka hujiitti wal dhabdi . dubartiin heeydiin itti dhufe osoo dalagaa hajjii
godhaa jirtuu dalagaa isii cufa itti fufti salaataa fii beeytiin naannawuu malee
ka’abaan naannawuun tan irraa buutuu jira tan irraa hin buunee jira san fuuldura
ballinaan isiniif dhiheysina yoo Rabbi fedhe Akkaataan hidhannaa akka armaan
olii kana yeroo tahu gara hojii hajjii tan itti aantu dabarra Yeroo hajjii
hidhachuuf deeman qaama ofii dhiqatanii hidhachuun jaalatamaadha Akkasuma waan
booda nama dararaa waan akka qeensaa osoo hajjitti hin seenne duratti rifeensa
bobaatii fii .k.k.f ifirraa ciruun gaariidha waajiba osoo hin tahin eega hajjii
seentee akka si hin dararre jachuufi Akkasuma uffata warra hajjii godhuu huccuu
afrii tan hodhaa hin qabne tahuu isii waliin akkaataan isii itti uffataniis
yeroo xawaafa duraa xawaafan afrii san bobaa harka tokkoo jalaan dabrfatanii
gara tokkoon ceekhuu gubbaan darbatanii xawaafan eega xawaafa duraa irraa
bahanii boodaa akka bifa nama ansoolaa darbatuutti darbatanii deemana osoo mataa
if hin hagoyne
Iinshaa’allaah arraaf asumarratti
dhaabnaa itti fufa barnoota hajjii torbaan dhufu walitti deebina
nagayati |