Maxxansa Torbaanii

 

 

Maxxansa Torbaani Lakkofsa 16ffaa

بسم الله الرحمن الرحيم   
Barnoota Hajjii Lakkoofsa 2ffaa

Jalqabni maqaa Rabbii rahmata qabuuti

Eegaan Rabbii kiyya kan oltahe faarsee Ergamaa keenya nabi Muhammadirratti nagayaa fii Rahmata buusee boodaa Obboleeyyan islaamaa isin hundaahu bikka jirtanitti nagayaa fii rahmanni Rabbii isinirratti haajiraatu Akkuma beekkamu torbaan lamaan dabre waa ‘ee hajjii irraa dubbanne keessaafuu torbaan dabre barnoota hajjii eegallee akka waan hafees walfaana isiniif dhiheeysinu baallama isiniif seenne turre mee yoo Rabbiin oltahe nuuf laaffise ballama isiniif seenne san bikkaan gehuudhaaf ijibbaata goona Barnoonni hajjii lakkoofsi lamaffaa dalagaa hajjii tan guyyaa saddeetaffaa irraa eegalama saniis akka itti aanu kana taha

Hidhannaa hajjii
Hajjii filannaa
  sadihiin hidhatan

Tamattu’a, qiiraanaa fii Ifraada
Tamattu’a: baatii hajjii kessa umraa qofa hidhachuudha
Akki inni ja’ee hidhatuus akkana “awwaannaa awwaadhe umraadhaaf (labbeeyka umratan) asiraatti wanni beeytan waan hojjatan hunda keessatti niyachun dirqama ammo niyaan hundi qalbii keessatti niyyatan. niyaa dalagaa hajjii malee tana sagalee olfuudhaniiti afaaniifii qalbiidhaaniis ja’ani hidhatan Namni tamattu’a hidhate yeroo makka gehe xaawaafa
  yeroo torba ka’abaadhaan naannawee safaa fii marwaa jidduu yeroo torba daddeebi’a rifeensa isaa ifirraa gaabaabsee umraa achirratti hikkata Wanni duraan isarratti haraam taate sababaa umraa hidhachuutiin hundi halaal taatiif hanga guyyaa saddeetaffaa hucuu isaatiis jijjiiratee haga Zulhijjaa guyyaa saddeeti niqanani’a Yeroo guyyaan saddeetaffaa gehe guyaa ummanni hajjii godhu gara minaa deeman inniniis bakkuma jirurraa hidhatee hareyatti ummataa wajjiin gara minaa deema Ammoo yeroo hajjii fixate dhiigaatu irra jira (waa qaluu qaba)  Yoo waan qalu dhabe guyyaa sadi hanga mina jiru achitti soomanee guyyaa torba eega galee soomana hajjii fii umraan isaatiis guutuudha jachuudha

Qiiraana: jachuun baatuma hajjii keessa hajjii fii umraa walitti qabanii hidhachuu niyyaa isaa hajjii fii umraa walitti qabee akki je’ee hidhatu awwaannaa awwaadhe hajjii fii umraadhaaf (لبيك حج والعمرة) osoo jiddutti hin hiikkanee akkasumatti haga guyyaa saddeetaffaa taa’a  san nama wareega waan achitti qalu qabuuf malee hin tahu dhiigaatu isa qabata (waa qaluu qaba achuudha)

Ifraada: hajjii qofa hidhachuudha akkana ja’ee hidhata awwaadhe awwaannaa hajjiidhaa (لبيك حجا )  yeroo makka dhufe xawaaful quduum (xawaafa dhufiinsaa) xawaafee jidduu safaa fii marwaa fiigee akkasumatti hidhannaa isaatiin taa’aa rifeensaas hin haaddatu huccuu isaatiis hin jijjiiratu hucuma hajjii sanin taa’a haga guyyaa dhumaatti nama akkanaa wanni takkalleen isrra hin jirtu jachuun dhiigni irra hin jiru (waa qaluun)

Ji’a kam keessa hajjii hidhachuu dan deessa?

 ji’a shawwaal, Zulqi’idaa fii  kurnan  zulhijjaa keessa Eegas booda hajjii  hidhachuun hin dandayamu Akkuma beekkamu bakki irraa hidhatan akkuma amma dura ibsinee dabarsine fakkeenyaa warra oromiyaatiif ykn kenyaatiif bikka warri yaman irraa hidhatan taha saniis yalamlam Bakki irraa hidhatan akkuma dabarsinee bira dabarsine taha malee dirree xayyaaraa irraa hin hidhatan akka irra hedduun ilma namaa dalagu jiru kana

Akkaataa hidhannaa

Akkaataan itti hidhatan akkuma sunnaa Ergamaan Rabbii (صلى الله عليه وسلم ) itti hidhate  taha yeroo isaatii fii bikka irraa hidhatanii fii akkam ja’anii akka hidhatan saniraa bikka irraa hidhatanii fii yeroo hidhatan dabarsine akkam ja’anii akka hidhatan laallaa

Yeroo hajjii hidhatan akkam ja’an?

Ganama hidhachuuf deemu yeroo sadi Rabbi faarsee, Rabbi qulqulleeysee Rabbi guddisee hidhatan akkuma Ergamaan Rabbii (صلى الله عليه وسلم ) dalage. anas binu maalik irraa odeeyfamee (r.i.h) nije’e “Ergamaan Rabbii(صلى الله عليه وسلم )  madiinatti osoo nuti isaa waliin jirruu zuhrii raka’aa afur salaate asrii zul huleeyfatti raka’aa lama salaatee haga barihutti achuma bule eeganaa niyaabbate haga bakka beeydaa ja’amtu gehutti Rabbi faarsee, Rabbi qulqulleeysee, Rabbi guddise eeganaa hajjii fii umraaf hidhate” bukhaariitu gabaase

Talbiyaa (labbeeykallaahumma labbeeyk)

Yeroo hidhattu yoo hajjii fii umraa walitti qabdee hidhatte akkana jatta:- lbbeeykallaahumma labbeeyk bil hajji wal umrah

Yoo hajjii qofa hidhattu :- labbeeykallaahumma labbeeyk bilhajji Akkuma hadiisatti nuuf dhufe Jaabir ibn Abdullaahi irraa odeeyfamee nije’e “Ergamaa Rabbiitii waliin (صلى الله عليه وسلم )  nidhufne nutii ja’u yaa Rabbi awwaannaa awwaanne hajjiidhaaf (لبيك اللهم لبيك بالحج ) Ammoo talbiyaan guutuun tan ergamaan Rabbii (صلى الله عليه وسلم ) ja’u tana fakkaatti hadiisatti abdallaa ibnu umarirraa odeeyfamee nije’e “ talbiyaan (awwaannaan) Ergamaan Rabbii (صلى الله عليه وسلم ) yaa Rabbi awwaannaa awwaadhe akka shariikni siif hin  jirre awwaannaa awwaadhe faaruun, qananii, mootummaan cufti teeti shariikni (waahelli) siif hin jiru (لبيك اللهم لبيك لبيك لا شريك لك لبيك إن الحمد والنعمة لك والملك لا شريك لك) talbiyaa guyyaa hidhataniraa eegalanii haga boolloo darbatanitti haga Rabbi isaaniif laafise walitti dhaabanii godhan akkasuma ammallee sagalee olfuudhuudhaan talbiyaa godhan akkuma hadiisatti nuuf dhufe Rassuulli Rabbii nije’e “ jibriil akka ummanni kiyya talbiyaa sagalee isaanii olfuudhanii ja’an na’ajaje” Akkasuma ammaas yeroo hajjii  godhan talbiya qofa osoo hin taane Zikrii godhuu, Qur’aana qarauu fii khadhaa Rabbii hedduumeeysuuniis haalaan gaariidha

Dubartiin heeydiin itti dhufe ykn tan dhalti isii qabatte akkamitti hidhatti?

Hidhannaan isii akkuma kana taatee garuu bakka hujiitti wal dhabdi . dubartiin heeydiin itti dhufe osoo dalagaa hajjii godhaa jirtuu dalagaa isii cufa itti fufti salaataa fii beeytiin naannawuu malee ka’abaan naannawuun tan irraa buutuu jira tan irraa hin buunee jira san fuuldura ballinaan isiniif dhiheysina yoo Rabbi fedhe Akkaataan hidhannaa akka armaan olii kana yeroo tahu gara hojii hajjii tan itti aantu dabarra Yeroo hajjii hidhachuuf deeman qaama ofii dhiqatanii hidhachuun jaalatamaadha Akkasuma waan booda nama dararaa waan akka qeensaa osoo hajjitti hin seenne duratti rifeensa bobaatii fii .k.k.f ifirraa ciruun gaariidha waajiba osoo hin tahin eega hajjii seentee akka si hin dararre jachuufi Akkasuma uffata warra hajjii godhuu huccuu afrii tan hodhaa hin qabne tahuu isii waliin akkaataan isii itti uffataniis yeroo xawaafa duraa xawaafan afrii san bobaa harka tokkoo jalaan dabrfatanii gara tokkoon ceekhuu gubbaan darbatanii xawaafan eega xawaafa duraa irraa bahanii boodaa akka bifa nama ansoolaa darbatuutti darbatanii deemana osoo mataa if hin hagoyne

Iinshaa’allaah arraaf asumarratti dhaabnaa itti fufa barnoota hajjii torbaan dhufu walitti deebina nagayati

 

 

 

Copyright © 2008  oromomuslim.com All Praise is due to Allah (SWT)