|
بسم الله
الرحمن الرحيم Barnoota Hajjii Lakkoofsa 3ffaa
Jalqabni maqaa
Rabbii rahmata qabuuti Eegaan Rabbii kiyya kan oltahe faarsee Ergamaa keenya nabi
Muhammadirratti nagayaa fii Rahma ta buusee boodaa
Obboleeyyan
islaamaa isin hundaahu bikka jirtanitti nagayaa fii rahmanni Rabbii isinirratti
haajiraatu Akkuma beekkamu obboleeyyan keenya nuttillee heddumeeysitan hin
ja’inaa yerootu itti nudaddeebisee waan yeroon keessa jirru yeroo hajjii
taateefi Akkuma torbaan dabre barnoota hajjii lakkoofsa lammaffaa isiniif
dhiheeysineeturretti arra yoo Rabbiin nuun fedhe kan itti aanu isinif
dhiheeysaina Maxxansa torbaan dabree keessatti akkaataa hidhannaa fii
talbiyaa dubbannee dabarre arra garuu hujii hidhannaa booda jirtu laalla saniis
hujii guyyaa saddeetaffaati(yaawmuttarwiyaa) Eega hajjii ykn hajjii fii umraa
hidhatanii makka seenanii maal hojjatan? Namni hajjii ykn hajjii fii umraa
hidhate yeroo makka seene dura xawaafaan jalqaba eegas bakka maqaama ibraahiim
duubaan dhaabbateee salaataa eegas safaa fii marwaa jidduu daddeebi’ee rifeensa
ifirraa gabaabsee eegasii haga guyyaan saddeetaffaa gehuu eeggatee hujii acchi
boodaa itti fufa jiddutti hiikkachuu fii fiikkachuu dhabuunakkaataa inni itti
hidhateetu laalama saniis Tamattu’a, Qiraanaa fii Ifraada yoo Tamattu’a godhee
hidhate jiddutti nihiikkata bodarratti waa qaluu qaba akkasuma yoo qiiraana
godhee hidhate jiddutti hin hiikkatu garuu dirqama waan qalu geeysuu qaba
Yoo namni makka dhufu kun hujii isaa cufa guyyaa saddeetaffaa (yawmu
tarwiyaa) irraa kan eegalu tahe aka armaan gadii kana taha Yeroo dura makka
seenu maaliin eegala? Ka’abaan naannawuu(xawaafuu) saniis naannawiinsa eegalaa
(xawaaful quduum)
Ka’abaan akkamitti
naannawan?
Yeroo torba
naannawan sadi ni sukh sukhan afur suuta deeman bikki xawaafa irraa jalqabaniis
karaa dhagaan gurraachi keessa jiru irraahi Yeroo dura masjida seenan gara
mirgaatiin
jalqaban hajarul aswad salaammatanii naannawuu
jalqaban yeroo sadeen duraa nisukh sukhan afran boodaa suuta deman akkuma
hadiisatti nuuf dhufe saalimirraa odeeyfamee nije’e “Ergamaa
Rabbiitiin (صلى الله عليه وسلم ) arke yeroo makka dhufu yeroo karaa dhagaan gurraachi keessa jiru
salammatee eegasii ka’abaadhaan nannawe sadeen duraa sukh sukhee afran booda
suuta deeme”
Yeroo dura jalqaban ka’abaa gara hajarul aswad keessa jiruu fii tan
itti aantu salaammachuu
Hadiisatti abii
xufeeyli irraa odeeffamee nije’e “ibnu abbaasii fii mu’aawiyaa waliiniin turee
ededa ka’abaa irraa ruknul yaamaan (jihaa dhagaan keessa jiruti tan aantu)
salaammatan malee hin dabran abdallaa ibnu abbas nije’e Rassuulli Rabbii ruknul
yamaanii fii hajarul aswad malee kan salaammatu hin taane” Tirmiizii
ammoo
salaammachuun dirqamaamiti yoo siif mijjaawe
jaalatamaadha akkasuma yoo dan deeyse harkaan xuqattee salaamta(dhungata)
yookaan halaalumaa akeekta
Hajarul aswad
dhungachuu
Akkuma
hadiisatti nuuf dhufe Aabisaa ibn Rabii’aa irraa odeeyfamee nije’e “umar ibnul
khaxxaabiin arke isaa dhagaa gurraacha (hajarul aswad) dhungatu eegasii kan ja’u
ani siin dhungadha (dhagaan) akka ati dhagaa taatees niinbeeka osoon Ergamaa
Rabbi kan sidhungatu arkuu baadhee aniis waa si hin dhuggadhu
Yeroo xawaafa godhan takbiirtaa jachuu(allaahu
Akabar)
Akkuma
hidiisatti nuuf dhufe abdallaa ibn abbaasirraa odeeyfamee nije’e “ Ergamaan
Rabbii ka’abaadhaan ni xawaafe gaalarra taa’e yeruma ruknul yamaan dhufe
hunddaahuu, wahiin gara san akeekee takbiirtaa ja’a” Bukhaarii
Sadarkaa
hajarul aswad qabu
Dhagaan hajarul
aswad dhagaa jannataati akkasuma gaafa dura bu’u bifti isaa adii turte dilii
ilmaan aadmiitu gurraachoomse
Waa yaabbatanii
xawaafuu
namni tokko yoo
uzrii qabaate waa yaabbatee xawaafuu nidandaya Akkumahadiisatti nuuf dhufe Abdallaa ibn abbaas irraa odeyfamee
nije’e “Ergamaan Rabbii(صلى الله عليه وسلم ) haala gaala gubbaa jiruun beeytiin xawaafe yeruma ruknii bira dhufe
hunda nisalaama” Bukhaarii akkasuma hadiisa biraa keessatti Ummi salamaa (r.i.h)
nijette gara Ergamaa Rabbii(صلى الله عليه وسلم ) niin himadhe jatte ani niin dhukkubsadha je’ee naanje’e “ waa
yaabadhuuti ummata bodaan xawaafi” akkasittiin xawaafe kan Ergamaan Rabbii
moggaa ka’abaa jiru haala inni suura { والطور وكتاب مسطور } qara’uun” Bukhaarii
Maqaama Ibraahim duubaan
salaatuu
akkuma Ergamaan
Rabbii(صلى الله عليه وسلم ) dalage dalagaa hajjii keessatti raka’aa lama salaatuu maqaama
Ibraahim duubaan akkukma hadiisatti nuuf dhufe Amri ibn Diinaar (r.i.h) nije’e “
Abdallaa ibn Umarirriin dhagehe isaa ja’u Ergamaan Rabbii (صلى الله عليه وسلم ) nidhufe yeroo torba beeytiin xawaafee eegasii maqaama ibraahim
boodaan raka’aa lama salaatee eeganaa gara safaa bahe dhugaa Rabbiin oltahe
nije’e [dhugaa Ergamaa Rabbiitti hidhannaagaariin isiniif taate] Bukhaarii
Raka’aa lamaan xawaafaa keessatti suuraa tam qara’an? akkuma hadiisatti nuuf
dhufe Ergamaan Rabbii (صلى الله عليه وسلم ) yeroo raka’aa lamaan xawaafaa salaatu suuraa Qul yaa ayyuhal
kaafiruunii fii Qul huwallaahu Ahad qara’a Raka’aa lamaan xawaafaa yoo bakki
siif hin mijjaawin masjidaa alatti salaatuun nidandayamaa? Akkuma hadiisatti
nuuf dhufe Umar bin khaxxaab kan ala masjidaatti salatu tahe
Safaa fii Marwaa jidduu
daddeebi’uu(fiiguu)
Eega xawaafa dhufiinsaa xawaafanii
maqaama ibraahim duubaan salaatanii wanni itti aanu dalagaa guyyaa saddeetaffaa
irraa safaa fii marwaa jidduu daddeebi’uudha Daddeebi’iinsa safaa fii marwaa
eessarraa jal qaban? Safaa irraa jalqabama Akkuma hadiisatti nuuf dhufe safaa
irraa jalqaban hadiisatti Jaabir irraa odeeyfamee (r.i.h) nije’e “Ergamaan
Rabbii (صلى الله عليه وسلم ) yeroo makka dhufe yeroo
torba xawaafee eegasii maqaama ibraahim duubaan raka’aa lama salaatee aayata
kana qara’e [وتخذو من مقام إبراهيم
مصلىAkkasuma safaa fii marwaa jidduu
daddeebi’uuniis akkuma xawaafaati yeroo sadi nifiigan yeroo afur suuta deeman
gaara yeroo gara safaa achi gara gale aayata kana qara’a { إن الصفا والمروة من شعائر الله }
safaa olkoree ka’abatti fuula deebi’ee harka
isaaolqabee akkana ja’a الله اكبر, الله اكبر, لا إله إلا الله وحده
لا شريك له , له الملك وله الحمد وهو على كل شيء قدير , لا إله إلا الله وحده ,
أنجز وعده , ونصر عبده , وهزم الأحزاب وحده , ثم
Du’aa’ii tana yeroo sadi kadhata eegasii
gaara safaa irraa bu’ee gara gaara marwaa achi gara gala yeroo laga keessatti
gadi bu’e nifiiga eegasi gaara marwaa gubbatti olbahee waanuma gaara safaa
gubbatti dalage dalaga akkasuma ammaas gaara marwaa irraa bu’ee gara safaa
dhaqutti akka kana jidduu gaara lamaanii daddeebi’a haga daddeebi’iinsa torba
daddeebi’uu Jidduu tanatti du’aa’ii adda addaa tan Rabbiin isaaf laaffise
kadhatan akkasuma Zikrii adda addaa godhaa deeman
Rifeensa ifirraa
gabaabsuu
Eega dalagaa armaan olii dalage boodaa
rifeensa ifirraa gabaabsa yoo dubartii taate naannoo isii hundarraa hanga birkii
qubaa takka ifirraa gabaabsiti |