Maxxansa Torbaanii

 

 

Maxxansa Torbaani Lakkofsa 8ffaa

بسم الله الرحمن الرحيم   
Gatiin Yaroon nama Islaamaa Qabdu 

Jalqabni maqaa Rabbii oltaheeti

Eegaan Rabbii oltahe faarsee Nabi Muhammadirratti nagayaa fii rahmanni isarratti haajiraatu je’ee booda wanni nuti irraa dubachuu feenu akka armaan gadii kana taha

Yaa obboleeyyan islaamaa qabeenyi guddaan namni islaamaa jiruu tan keessatti qabu yaroo isaati yaroon tun jiruu ilma namaa keessatti nama itti beekutti nama Rabbiin aqlii kanneefitti   qabeenya isaa kan adunyaa kanarra isaaf caalti Jabeenyaa fii guddina yaroo tanarraa Rabbiin oltahe yaroo tanaan kakate akkuma qur’aana keessa je’etti [yeroo asriitiin(yeroo zabana boodaa) tiin kakadhee ilmi namaa hundi kasaaraa keessa jira haga dhuma aayataatti] Al-asri Akasuma Rabbiin oltahe nije’e sadarkaa fii qananii guddoo tan yaroo weeyta dubbatu akkana ja’a [halkanii fii guyyaa isiniif laaffise, aduu, ,ji’aa fii urjiis ajaja Rabbiitiin laaffifamtuu kan taate kana keessa milikkata tokkichummaa Rabbiitii nama garsiifti warra aqlii qabuuf ]Akkasaniitii yaroon tun Rabbi birattiis gatii guddoo qabdi nutiis gatii isiin qabdu akkamitti irraa fayya damuu akka qabnu itti laaluu qbna

Yaa obboleeyyan islaamaa namni akka jiru kanatti zalaalam hinjiraatu dullumaatu jira dhukkubasachuutu jira du’aatu jira tanaafuu osoo tun hundi nutti hin dhufne akkam tahuutu nurra jira mee haa gad lallaalluu

Jiruu teenya tan amma keessa nagayaan jiraachu jirru tana akkamitti akka dabarsine fuuldura Rabbiitti gaafatamuun keenya waan hafiinsi irraa hin jirre maaliif sakandii takkallee hin taane akkuma hadiisatti Ergamaan Rabbii  (Õáì Çááå Úáíå æÓáã ja’utti “hirphi gabrichaa hinsossootu haga waa afurirraa gaafatamtutti umrii isaa eessatti akka fixe , beekkomsa isaa maal akka itti dalage , horii isaa eessaa akka fidee fii eessatti akka baase, dardarummaa isaa eessatti akka fixe” tirmiizii 4/612

Rabbin oltahe yeroo tana irraa gaafchuu qofa osoo hintahin dardarummaa teenyaas kophatti irraa nugafachuuf taa’a

Yaa obboleeyyan,  nama islaamaa tokko yaroo isaa akkaan tiiyfatee waan kheeyrii isaaf qabu itti hojjachuu qaba maaliif yoojanne  waan irraa gaafatamuuf teenyuuf jacha

yeroo teenya bilaashitti dabrsuu hin qabnu keeysaafuu yeroo teenya tan amma keessa jirru tana akkasuma Ramadaana tahuu waliin kheeyrii hedduu keessaa arkachuu waan dandeenyuuf  yeroo teenya tana irraa dagamuun nurra hin jirtu akka ummata humaa hin yannetti akkuma Ergamaan Rabbii  (Õáì Çááå Úáíå æÓáã je’etti “qananii lama irra hedduun ilma namaa irraa dagamoodha san fayyaa fii yeroo shaakala hin qabne” Bukhaarii 6049

Yaa obboleeyyan islaamaa garii ilma namaa yoo laalte maaliif jiraatta jattee yoo gaafatte deebisaan isaanii waan nama ajaa’ibsiisu wanni isaan ja’an: nuti nyaannee dhuguu, taphannee qanani’uu fii jiruu gaarii jiraachuudha siin ja’an . waan ajaa’ibaati

yaa obboleyyan akkamitti namni aqlii qabu waan akkana yaada? namni yaanni isaa akkanumarratti gabaabatu beeyladaan addaan hinjiru maaliif beeyladaan wanni jiraattuuf nyatumaa fii dhugaatiidha mee ilmi namaa akkamitti akka beeyladaa taha kan Rabbiin isa caalchisee isa uume, mee waan Rabbiin keenya nuunja’u  haalaallu

 [sa nuti kan akkanumatti bilaashitti isin uumne seetanii kan gara keenya hin deebine seetanii?] dhugaadhaa Rabbiin oltahe bilaashiif nu hin uumne akka isa gabbaruufi nu’uume akkuma Rabbiin ja’utti [ani nama fii jinniis waa hin uumne akka nagabaraniif male]

Yaa obboleeyyan islaamaa yeroo teenya, humna teenya, jiruu teenya tan Rabbiin irraa nugaafachuuf taa’u gafii Rabbiin keenya nuuf dhiheeysuuf taa’u saniif akka gaaritti ifqopheeysuutu nurra jira osoo fayyaa qabuu kheyrii hedduu dalagu qabna osoo fayyaa qabnuu osoo yaroo qabnuu waan bu’aa nuuf hin qabnetti waan kheeyrii nuuf qabu dhiifnee deemuun nurra hin jiru akka ammaan tana namni gariin osoo fayyaa qabuu salaata  jama’aa dhiisee biraa deemu kana wanni namni irraa dagame hedduudha waan akkanaa hundarraa iftiiysuu qabna yeroo teenya tana itti fayyadamuu qabna akkuma ergamaan Rabbii  (Õáì Çááå Úáíå æÓáã hadiisa keessatti je’e “ waa shan boojihadhu osoo waashan sitti hin dhufne dura dardarummaa tee boojihadhu osoo dullumti sitti hin dhufne, fayya tee boojihadhu osoo dhukkubni sitti hin dhufne, durummaa tee boojihadhu osoo miskiinummaan sitti hin dhufne, yeroo shaakala hinqabaanne boojihadhu osoo hinshaakalamne, jiruu tee boojihadhu osoo hinduune”  haakim 4/341

Yaa obboleeyyan islaamaa  dhaamsi kiyya kan maayyii: nuti ummani islaamaa yroo ammaan tanaa ummanni kaafiraa akkuma Ergamaan Rabbii  (Õáì Çááå Úáíå æÓáã ja’utti ummanni kaafiraa akka qorii nyaataarratti walyaamanitti isinirratti wal yaaman” kan ummanni kaafiraa hirriiba nuufdhabee jiru, nuti maaliif diin keenyarraa rafna? nuti yaroo amma keessa jirru tanatti akkamitti aduniyaa tanarraa galla osoo nama islaamaatiif bu’aa xiqqoo takka hinbuufne mee yaanni akkana eenyu kassa jira nama islaamaatii fii diinaa islaamaatiif waa xiqqollee ma hin taane huurkuu qabna haa kaanuu haa jajjabaannuu haa mataa keenyaa fii lammii teenyaas haafayyadnuu jannata Rabbii haa bitannuu, kaan baratuudhan, kaan barsiisuudhaan iimaana keenya waliif jabeeysinee ibiddarraa nagaya bahuudhaaf walgargaaruu qabna Rabbiin nuhaa qaceelchuu galatoomaa

 

 

 

Copyright © 2008  oromomuslim.com All Praise is due to Allah (SWT)