|
بسم الله
الرحمن الرحيم Gochaa fii jacha nama islaamaatiif barbaachisaa kutaa
5faa ÈÓã Çááå ÇáÑÍãä ÇáÑÍíã
Galanni kan
Rabbii oltaheeti, kan nu’uumee waan gaggaarii hunda nuuf kannee akka nuti
kheeyrii adda addaa dalagannuuf akkasuma nagayaa fii rahmanni Ergamaa keenya
Muhammadirratti haajiraatu
Úáíßã æÑÍãÉ Çááøóå æÈÑßÇÊå . ÇáÓáÇã
Akkuma namuu
yaadatu torbaanawwan dabran walfaanaa barnoota mata duree takkaan deemu isiniif
dabarsaaturre akkasuma yoo Rabbiin nuun fedhe arraas sanuma isiniif itti fufna
arra gochaa fii jacha nama islaamaatiif gaariiti taha
ITTI FUFA TORBAANII
13ffaa
haadhaa fii abbaa ifiitiif tola yaaduu
kuni waan namuu
beeku kan nama tokko duraa hin dhukanne waluma yaadachiisuu yoo tahe malee
sadarkaan haadhaa fii abbaa guddisuun qabdu haadhaa fii abbaa jachuun argamiinsa
keenyaaf
kan sababa nuuf tahan haadhaa fii abbaa Keenya
kan Rabbiin kabajaa isaaniitiif yeroo qur’aana keessa dubbatu nagabbaraa yeroo
ja’e cufa akka haadhaa fii abbaaf toltuu daleeynu nu ajaja ummata Rabbiin
kabajaa isaanii samii torbanirraa ragaa baheef nutoo akkamitti isaan kabajuu fii
guddisuu qabna? isaan kabajuu fii isaan guddisuun akkasuma isaaniif tola ooluun
isaan garaa nudhale tahuu waliin jaalala isaaniif qabnuuf isaaniif tola ooluu
qofaaf osoo hin tahin isaaniif tola ooluun jannata Rabbii akka arkatan nama
gooti ammo yoo isaaniif tola ooluu baattee akka azaaba seentu sigooti akkuma
aayaa Qur’aanaatii fii hadiisa Ergamaa Rabbii (Õáì Çááå Úáíå æÓáã)keessa nuuf dhufe [Rabbi gabbaraa waa takka Rabbi cinaa hin qabinaa
haadhaa abbaa keessaniif tola oolaa] aayaa biraa keessattiis [ilma namaatiif
akka haadhaa abbaa isaaniitiif tola oolan dhaamneef] hadiisatti Abdallaa ibn
mas’uud Ergamaa Rabbii (Õáì Çááå Úáíå æÓáã) nigaafate dalagaa irraa tamtu gara Rabbiitti
jaalatama?
Ergamaan Rabbii(Õáì Çááå Úáíå æÓáã) nije’een “ salaata yeroo isaa keessa salaatan” eegasiiniitiihoon
je’een
nije’e “haadhaa abbaaf tola dalaguudha”
eegasaniihoon je’een nije’e “karaa Rabbii keessa jihaada godhuudha” obboleeyyan
islaamaa haadhaa abaa keenyaaf haa tola oolluu osoo isaan
addunyaa tanarra jiranii haa qalbii isaaniitii fii ija isaanii
gammachiifnuu
15ffaa
aanaa ofii maxxanfachuu
aanaan ifii
foonuma ifiiti nama Rabbiin itti cufe malee silaahuu namni aanaa ifii muru hin
jiru annaa ofii maxxan fachuun Rabbii guddaa biratti sadarkaa guddoo qaba yoo
ifirraa murte ammoo diliin isiitiis akkasumatti hamtuudha akkasuma abaarsa
Rabbiitu nama aanaa ifii mururratti jira akkuma Rabbin Qur’aana keessa je’e [yoo
diddanii garagaltan dachii keessa badii hojjachuudhaaf, aanaa keessan ifirraa
muruudhaaf ummanni san isaanawwan Rabbiin abaare] aanaan kee yoo ifirraa simurellee ati muruu hin qabdu yoo inni
simaxanfachuuf jacha kan maxxanfattu taate san maxxanfachuu hin ja’amtu akkuma
Ergamaan Rabbii (Õáì Çááå Úáíå æÓáã)je’e “harka waliif galchuun wal maxxanfachuu hin ja’amtu garuu
maxxanfachuudha jachuun aanaa kee kan osoo inni simuruu ati maxxanfattu” garuu
gara lachuutii jaalalaaf harka waliif deebisuu osoo hin taane yoo walmaxxanfatan
irra bareeda nama Rahima (aanaa mure Rabbiin Rahmata isaa irraa isa
mura)
16ffaa
haqa ollaa ifirraa eeguu
ollaa ifiitii
waliin nagayaan jiraachuun jiruu teetii fii Rabbii kee birattiis sadarkaa siif
qabdi yoo kan ollaa yero hunda rakkitu teete ammo adabni akkasumatti jabaadhaa ollaan kee islaamaa tahuu kaafira tahuu
haqa ollummaa isaa ifirraa eeggatta hadiisatti Abii hureeyraan
nije’e
Ergamaan Rabbii (Õáì Çááå Úáíå æÓáã)Rabbi kakadhe hin amanne Rabbi kakadhe hin amanne Rabbi kakadhe
hinamanne je’e” eenyu yaa Ergamaa Rabbii janneen? Isa ollaan isaa hamtuu
isaarraa nagaya hin bane” hadiisa biraa keessatti “ namni ollaan isaa iarraa
nagaya hin bane jannata hin seenu je’e” tanaafuu yaa obboleeyyan kiyya kan
islaamaa bifuma fedheenuu tahu ollaa keenya cinquurraa haa if eeynu yoo kan cinqinu taane guyya boruu akka malee
ibidda gubannaa
17ffaa
sadaqaa kannachuu
sadaqaa
kannachuun kiisha kee keessaa maallaqni haabahuu malee Rabbin san daran godhee
bikka siif buusa akkasuma sadarkaan sadaqaan qabduus akkamalee guddoodha akkuma
Rabbiin Qur’aana keessa je’e [waanuma isin kannattan cufa Rabbiin bikka isiniif
buusa] aayaa biraa keessatti [wanni isin kannattan lubbuma
teessaniifi waa hin kannattan fuula Rabbii barbaadaaf malee waan isin kannattan
galata isiniif galcha kan waatakka hin miidhamne] sadaqaan akkuma jannata siif
argamsiiftutti ibidda duraahiis sibaafti akkuma hadiisatti Ergamaan Rabbii
(Õáì Çááå Úáíå æÓáã)je’e “ibidda sodaadhaa osoo cinaa timiraatiinillee tahee(ibidda
duraa ifbitaa osoo waan xiqqoo kannatanillee) akkasuma sadaqaan aduniyaa
aakhiratti hamtuurraa gaachana siif taati akkasuma guyyaa qiyaamaa guyyaa
gaaddisni hin jirre gaaddisa Rabbii malee guyyaa ilmi namaa dirree qiyaamaa
keessa dhaabbatu san gaaddisa arshii Rabbii jala akka teeysu siif taati akkasuma
namni sadaqaa kannatu Rabbiiniis rizqii isaa isaaf kanna akkuma hadiisul qudsii
keessa je’e [kannadhu yaa ilma Aadam aniis sittiin kannaa]
18ffaa
nama Islaamaa hundaan salaamtaa jachuu
namni islaamaa
cufti waliif obboleeyyan, obbolummaa Rabbiin walitti godhe tanaafuu namni
islaamaa hundi salaamtaa waliin jachuun hedduu barbaachisaadha san qofaa miti
sawaabni isiin qabduus haalaan guddaadha akkasuma ajaja Rabbiin samii
torbanirraa nu ajaje [yeroo mana seentan warra keessanirratti salaammadhaa
waliin jiraachisuu (salaamtaa) Rabbi biraa isiniif taate barakeeyfamtuu gaarii
kan taate] hadiisatti namni tokko Ergamaa Rabbii (Õáì Çááå Úáíå æÓáã) nigaafate islaamummaa keessa tamtu caala?je’ee Ergamaan Rabbii(Õáì Çááå Úáíå æÓáã) nije’een “beelawaa nyaachisuudha, nama beeytuu fii kan hin
beeyneeniis salaamtaa jachuudha” salaamtaan nama islaamaa jaalala isaan jiddutti
uumti akkuma Ergamaan Rabbii (Õáì Çááå Úáíå æÓáã) je’e “ jannata hin seentan haga amantanitti, hin amantan haga wal
jaalattanitti, mee gara wahii isin qajeelchuu yoo isii san daleeydan kan wal
jaalattan? Jidduu keeysanitti salaamtaa facaasaa(waliin ja’aa)”akkasuma yeroo
namni Islaamaa salaamtaa siin je’e salaamtaa deebisuun dirqama yaa obboleeyyan
kiyya kan islaamaa salaamtaa waliin jachuu haa heddumeeysinuu bu’aa isii agarree
mii maaliif dilli bu’aa kun bilaashitti nudabra?
19ffaa
dhukkubsataa nama islaamaa gaafachuu
dhukkubsataa
keenya gaafachuun bu’aa guddaa nuuf qabdi akkasuma haqa namni islaamaa walirraa
qabu akkuma hadiisatti nuuf dhufe Ergamaan Rabbii (Õáì Çááå Úáíå æÓáã)nije’e “haqni Islaamni nama Islaamaa irraa qabu shani salaamtaa
deebisuu, dhukkubsataa gaafachuu, janaazaa jala demuu,nama siyaame(si’afeere)
jalaa awwaachuu fii nama axxifate gammachiisuu”hadiisul Qudsii keessa Ergamaan
Rabbii(Õáì Çááå Úáíå æÓáã) nuuf odeeyse akkana je’e “Rabbiin oltahe guyyaa qiyaamaa nija’a “
yaa Ilma Aadam! Ani dhukkubsadhee ati na hin gaafanne” yaa Rabbi akkamittiin
sigaafadha? ati Rabbii aalamaati ja’aan “sa! Ati hin beeynee gabrichi kiyya
abalu dhukkubsatee ati isa hin gaafannee ati hin beeynee osoo isa gaafatte isa
bira na’agartaa?” hsdiisa biraa keessatti Ergamaan Rabbii (Õáì Çááå Úáíå æÓáã)nije’e “namni Islaamaa tokko yeroo obboleeysa isa kan islaamaa
gaafate midhaan jannataa isaaf guuramuu irraa hin deemu hanga inni
deebi’utti”
20ffaa
Rigaa (siwaakha) heddummeeysuu
rigaan sunnaa
Ergamaa Rabbii(Õáì Çááå Úáíå æÓáã) irraa takka kan Rabbii fii Ergamaan Rabbii (Õáì Çááå Úáíå æÓáã)akkaan jaalatan Ergamaan Rabbii (Õáì Çááå Úáíå æÓáã)yeroo hunda rigaa rigachuu akkaan jaalata akkuma hadiisa nuuf dhufe
huzeeyfaan (r.i.h) nije’e “Ergamaan Rabbii (Õáì Çááå Úáíå æÓáã)yeroo hirriibarraa ka’e cufa afaan isaa rigata” hadiisa biraa
keessatti yeroo haala Ergamaa Rabbii(Õáì Çááå Úáíå æÓáã) iarraa Aa’ishaa gaafatan yeroo dura mana seenu maaliin eegala?
“rgaadhaani “ jette Hadiisa biraa keessatti Ergamaan Rabbii nije’e “ rigaan
qulqulleeysaa afaaniiti jaalala Rabbii argamsiisaadha”
|