|
بسم الله
الرحمن الرحيم Gochaa fii jacha
nama islaamaatiif barbaachisaa Kutaa 1 faa
Jalqabni maqaa Rabbii rahmata qabuuti
Galanni kan
Rabbii oltaheeti, kan nu’uumee waan gaggaarii hunda nuuf kannee akka nuti
kheeyrii adda addaa dalagannuuf akkasuma nagayaa fii rahmanni Ergamaa keenya
Muhammadirratti haajiraatu
Nagayaa fii
Rahmanni Rabbi biraa tahe isinirra haa jiraatu
Akkuma beekkamu
yeroo dheeraadhaaf tartiiba hajjiitii fii waan hajjii boodaatiis dubbannee
keessaa bane. warra waan hojjaterraa milkaawu nuhaa godhu.
arra yoo Rabbi fedhe barnoota walfaana deemu kan hedduu nuuf bu’aa
qabu isiniif jalqabuuf yaada qabna barnoonni saniis gochaa fii jacha ilma
namaatiif barbaachisu fii kan ilmanaatiif hin bar baachifne walfaana isniif
dhiheeysina iinshaa’allaah
San keessaa
dura kan namni godhuu qabuun eegalla sani wal faanaa isiniif dhiheeysina jannee
kan yaanne jachaa fii gocha dhibba tokko.
jachaa fii gocha namni irraa if eegu qabu dhibba tokko tanaafuu
iinshaa’allaah qaamaa qalbiin akka hordaftanii barnoota irraa fudhattani
kabajaan isin afeerra
Gochaa fii
jacha ilma namaatiif barbaachisu 1ffaa
jacha tawhidaatii fii Zikrii Rabbii guddisuu
akkuma beekkamu
islaamummaa wani dura gadi seenaniin jacha tawhidaati san laa’ilaaha illallaah Muhammadan
Rasuulullaah
jachi kun akkaan nama islaatiif barbaachisaadha islaamummaa eega
gadiin seene boodaas jacha kana jachuun Rabbi biratti akkaan sadarkaa qaba namni
jacha kana yeroo du’uuf deemu ja’e akka azaabatti hin dawaamne hadiisatti nuuf
dabre
akkasuma Zikrii
Rabbii guddisuu. yeroo deeman, yeroo taa’anii fii yeroo ciisan hunda Rabbiin
warra akkanatti yeroo hunda isa yaadatee isa faarsu sadarkaa isaanii qur’aana
keessa dubbate akkasuma isaan kun warra akkaan beekaadha je’ee dubbate warri
yeroo hunda akkasitti Rabbii isaanii faarsan sunnaa Ergamaa Rabbiirra
(Õáì Çááå Úáíå æÓáã) jiran kuni karaa isaati akkuma hadiisatti nuuf
gabaafame
Aa’ishaa irraa odeeyfamee (r.i.h) nijette Ergamaan Rabbii
(Õáì Çááå Úáíå æÓáã) kan haala hunda keessatti Rabbi faarsu (zikrii godhu) tahe”
Muslimii gabaase
Zikrii Rabbii
godhuun yeroo murteeyfamte hin qabdu yeruma cufa yeroo waagodhuu barbaadde cufa
hanga yeroo mana finchaanii seenuuf deemtuu fii baatu akkasuma yeroo haadha mana
keetii waliin rafuu feetellee tanaafu tarkaanfii teenya cufatti Zikrii godhuutu
nurraa barbaachisa bakka tanatti Zikrii tamtu barbaachisa jannee gaafachuudhaan
barannee jachuu qabna kuni jacha nama islaamaatiif akkaan
barbaachisaati
waa’ee isii yoo nidubbanna janne lafti waa nuuf
hin fuutuu walumaa galatti Zikrii godhutti haajabaannuu
2ffaa Ergamaa Rabbii irratti(Õáì Çááå Úáíå æÓáã) nagayaa fii Rahmata buusuu
Ergamaa isaa
irratti(Õáì Çááå Úáíå æÓáã) salawaata buusuun akkaan sadarkaa namaaf qabdi akkasuma nama hin
buufnees akkaan hoongoo isaaf qabdi akkuma hadiissan hedduu keessa nuuf
dhufe
Ergamaa
keenyarratti (Õáì Çááå Úáíå æÓáã) salawaata buusuun ajaja samii torbanii olii Rabbiin oltahe nurra
buuse akkuma qur’aana keessa dhufe [Rabbii fii malaaykaan, Nabiyyii irratti
salawaata buusan, yaa warra Rabbi dhugoomsitan! (isiniis) nagayaa fii Rahmata
isarra buusa salaamtaa salaammadhaa]
Akkasuma
sadarkaa salawaanni qaburraa akkuma hidiisa nuuf dhufe Abdallaa ibn Amri ibn Aas
irraa odeeyfamee (r.i.h) Ergamaa Rabbii (Õáì Çááå Úáíå æÓáã) kan ja’uun dhagaye ja’e “ namni salawaata yeroo takka narra buuse
Rabbiin salawaata akkasii kudhan isarra buusa” Muslimiitu gabaase. salaawanni Rabbii araarama isaati
Yaa obboleeyyan
kiyya mee laalaa nutiin humaa keesa hin jirre kun jacha hanga kanaan salawaata
yeroo takka jannee Rabbiin guddaan nutuma ummata laafaa kana sadarkaa teenya
olkaasee salawaata nurra buusa tanaafuu salawaata Rabbi akka hindhabne itti
jabaannee Ergamaa keenyarratt(Õáì Çááå Úáíå æÓáã) yeroo hunda salawaata buusuu qabna
Hoongoo namni
salawaata Ergamaa isaarratti(Õáì Çááå Úáíå æÓáã) hin buusne qabu
Akkuma hadisa
kanaa taha Abii hureeyraa irraa odeeyfamee (r.i.h) nije’e Ergamaan
Rabbii(Õáì Çááå Úáíå æÓáã) nije’e “ nama maqaan kiyya bira dhawamee(dubbatamee) salaawata
narratti hin buusin funyaan isaa lafatti haarigamu” Tirmiiziitu gabaase hadiisa
biraa keessatti namni maqaan kiyya bira dhawamee salawaata narratti hin buusin
ibidda keessa haafagaatu”
Akkasii wali
galatti salawaata Ergamaa keenyrratti(Õáì Çááå Úáíå æÓáã) buusuun jacha gaarii nama islaamaa irraa barbaachisaati
3ffaa
Qur’aana qara’uu guddisuu
qaraatiinqur’aanaa waan irra daddeebi’anii dubbatan hin qabdu waa
xiqqo waluma yaadachiisu qofa yoo tahe malee
qur’aana
qara’uun aduniyaa fii aakhirattiis akkaan bu’aan isaa guddaadha akkuma Aayaa
qur’aanaa hedduu fii hsdiisoot keessa nuuf dhufe qur’aanni kun qaceelcha ummata
islaamaa, dawaa qalbii fii kan dukkanarraa gara ifaa nama baasu
akkasuma
aakhiratti sawaaba guddaa fii magantaa siif dhaabbata akkuma hadiisa Abii
umaamaa irraa odeeyfame keessatti (r.i.h) Ergamaa Rabbiitiin(Õáì Çááå Úáíå æÓáã) dhagehe je’e isaa ja’u “ Qur’aana qara’aa inni guyyaa qiyaamaa
nama isa qara’eef magantaa dhaabbataafi” muslimiitu gabaasa akkasuma
hadiisa biraa
keessatti “ namni qubee qur’aanaa irraa qubee takka qara’e sawaaba kudhan isaaf
qabdi cuftummaan sawaabaa kudhaniin isaaf baayyifama” namni qur’aana hin beeyne
nama hoongawe akkuma hadiisa keessa nuf dhufe“nama garaa(qalbii) isaa keessa
beekkomsi qur’aanaa wanni takka hin jirre akka mana onaati”
yaa lammii too
qur’aanni kun
jacha Rabbii keenyaati haa jabaannee qaraanuu yoo duraan hin beeynees haa barannuu kan
garaa hadha isaa keessa barate hin jiruu kan inni sawaaba guddaa kana qabu maaf
lafa dhiifna nuti namaamii? Kan hiriyaan teenya qaraatee sawaaba wali qabachaa
jirtu mee gad haalalluu waan biraatuu qabeenyaa fii human teenya itti baafnee
numa qaraanaa mee haga dandeenyutti wal keessa godhannee jacha Rabbii keenyaa
kanaas haabarannu nama jachuun nama diinaa isaatiis qabatee kabachiifatee itti
dalage
mee haa dhiira
taanuu namaa gad akka hin taane haa jabaannuu haa sawaaba isaa irraa milkooynuu
haa aakhiratti jannataan bitannuu
4ffaa
yeroo mu’azzinni azaanu isa jalaa deebisuu eega azaanee du’aa’ii
godhachuu
yeroo
mu’azzinni azaanu waan inni ja’u isa jalaa jachuun sawaaba akkaan qabdi akkasuma
jacha nama islaamaa biratti haalaan barbaachisaa keessaahi akkuma hadiisatti
nuuf dhufe “ yeroo mu’azzinni azaanu akkuma inni ja’u ja’aa” (hayya ala salahaa
fii hayya alal falaah malee yeroo san laa hawla walaa quwwata illaa billaah
ja’an)
akkasuma yeroo inni azaana fixate du’aa’ii akkaan nama islaamaatiif
bu’aa akaan qabdu akkuma hadiisa nuuf dhufe Ergamaan Rabbii
(Õáì Çááå Úáíå æÓáã)
nije’e “yeroo mu’azzina dhageeysan akkuma inni
ja’u ja’aa eeganaa salawaata narra buusaa bar namni narra salawaata yeroo takka
buuse Rabbiin isarratti salawaata kudhan buusa eeganaa mana jannata keessaa naaf
kadhadhaa san qubsuma jannata keessaati san nama tokkoofuu hin hayyamamu
gabricha gabricha isaa irraa tahe malee ani isa san tahuun kajeelaa namni akkana
je’e mana jannataa kana naaf kadhate maganttaan (shafaa’aa)
tiyya isaaf raggaate” Muslimiitu gabaase
|