|
بسم الله
الرحمن الرحيم
Akkaataa
ergamaan Rabbii samii ittin bahe (Mi’iraaja) Ergamaan Rabbii (N.R.I.H)nije’e:
Anaa moggaa Ka’abaa mana ummi Hanii keessa rafutti jiru, (Rassuula, Hamzaa fii
Abbaasiitu waliin rafutti jira rassuulli Rabbii jidduu rafutti jira)
Halkan boru
mi’iraaja
bahuuf deeman. Haaluma saniin osoo jirruu
maleeykaan sadi dhuftee walbira teeysee walgaafachutti seenan. Maleeykaan duraa
nije’e: jara sadeen kanarraa kan barbaadamu kami? Maleeykaan jidduu nije’een:
kan jidduu kanaatu irra caalaa isaaniiti. Maleeykaan sadaffaa nije’e: akkastaatu
kan irra caalaa kun haa fuudhamuu je’e. eegas akkasitti ka’anii
deeman.
Halkan itti aanu Jibriil
itti dhufee
jara lamaan jidduu isa fuudhe, isaa ijaan rafu
kan qalbiin isaa hinrafne. Bishaan zam zam bira isa fidee qoma
isaa baqeeysee onnee isaa keessaa fuudhe, onnees baqeeysee dhiiga gurraacha
tokko keeysaa baase, Jibriil nije’een: bar sheeyxaanni tanaan (dhiiga gurraacha
kanaan) namatti hasaasee nama jallisuu dan daya, eegasii bishaan zam zamiin
dhiqe. Eegasii fijjaana ziqeyaa tokko fide kan iimaanaa fii ilmiinguutame san
onnee tiyya keeysatti naqe. Eegasii onnee tiyya walittio cufee onnee qoma
keeysatti nadeebisee walitti nacufe.
Eegas waan yaabbatan tan
Buraaq ja’amtu adii takka naaf fide, tan gaangee irra xiqqoo tan harree irra
guddoo, ejjanni isii hanga ijji namaa agartu takka ajjatti. Isii san
nakorsiisanii naan deeman. Yeroo Makkarraa gara beeytal Maqdis deeman
Rassuulaatu duraan yaabbatee jibriil duubaan yaabatee deeman. Eega beeytal
maqdis dhaqan dhagaa duraan Anbiyaan yaabbii isaanii itti hidhatanitti buraaq
isaanii hidhatanii tahiyyaa masgidaa salaatan. Eegasii waan achitti dhugu laga
jannataa afranirraa fidaniif, deeyma, aanan, farshoo fii
bishaan.
Eegasii gara samii naan
olkoran, yeroo oldeeman jibriiliitu duraan yaabbatee Ergamaan Rabbii duubaan
yaabbatee deeman, hanga samii duniyaa gayanitti.
Jibriil eeyduu (malaaykaa)
hulaa samii duniyaatiin dhadhawee bani je’een:
Malaaykaa: eenyu je’een.
Jibriil: Ana Jibriili je’een, Malaaykaa: eenyuu siwaliin jira?, Jibriil:
Muhammadii naa waliin jira, Malaaykaa: haa olbahuu ja’anii itti si’erganii?
Jibriil: ee je’een, Malaaykaa: baga dhufe dhufiinsi isaa waa gaariidhaa
(dansaadhaa). Yeroo nurraa bananii olbaanu nama tokkoon arke kan mirga isaatii
fii bitaa
isaatiin namni hedduun taa’u, yaroo gara mirgaa
mil’atu (laalu) nikofla yeroo gara bitaa mil’atu (laalu)
nibooya
Kuni eenyu? je’eetiin
gaafadhe, abbaa kee Aadami, irratti salaammadhu naan je’e. isarrattiin
salaammadhe salaamtaa naaf deebisee baga dhufte yaa ilma gaarii yaa nabiyyii
gaarii naan je’ee nadhiheeyse. warri mirgaa san ruuhii ilmaan Aadam tan ammaan
dura hin dhalatin tan warra jannataati yaroo gara isaanii mil’ate gammachuu
irraa kofla. Warri bitaa isaatiin taa’u ruuhii ilmaan isaa tan ammaan dura hin
dhalatin tan warra azaabaati tan wilii kufrummarratti duutee ibidda seentu yeroo
gara isaanii mil’ate isaaniif rifachuu irraa booya.
Eegasii naan deeman hanga samii
lammaffaa naan gehanitti
Jibriil eeyduu (malaaykaa) hulaa
samii lammaffaatiin dhadhawee bani je’een:
Malaaykaa: eenyu je’een.
Jibriil: Ana Jibriili je’een, Malaaykaa: eenyuu siwaliin jira?, Jibriil: Muhammadii naa waliin jira, Malaaykaa: haa olbahuu ja’anii
itti si’erganii?, Jibriil: ee je’een, Malaaykaa: baga dhufe dhufiinsi isaa waa
gaariidhaa (dansaadhaa). Yeroo nurraa bananii olbaanu Iissaa fii Yahyaan arke
ilmaan haboo kan tahan, isaan Iisaa fii yahyaadhaa irratti salaamadhu naan
ja’an, irrattiin salaammadhe salaamtaa naaf deebise baga dhufte yaa obboleeysa
gaarii yaa nabiyyii gaarii ja’anii na dhiheeysan
Eegasii naan deeman hanga samii
sadaffaa naan gehanitti
Jibriil eeyduu (malaaykaa) hulaa
samii sadaffaatiin dhadhawee bani je’een:
Malaaykaa: eenyu je’een.
Jibriil: Ana Jibriili je’een, Malaaykaa: eenyuu siwaliin jira?, Jibriil: Muhammadii naa waliin jira, Malaaykaa: haa olbahuu ja’anii
itti si’erganii?, Jibriil: ee je’een, Malaaykaa: baga dhufe dhufiinsi isaa waa
gaariidhaa (dansaadhaa). Yeroo nurraa bananii olbaanu yuusufiitu jira yuusuf
bareedummina irraa cinaa kanname ani guutuun kanname, inni Yuusufii irratti salaamadhu naan ja’an, irrattiin salaammadhe salaamtaa naaf
deebisee baga dhufte yaa obboleeysa gaarii yaa nabiyyii gaarii je’ee na
dhiheeyse
Eegasii naan deeman hanga samii
afaraffaa naan gehanitti
Jibriil eeyduu (malaaykaa) hulaa
samii afraffaatiin dhadhawee bani je’een:
Malaaykaa: eenyu je’een.
Jibriil:Ana Jibriili je’een, Malaaykaa: eenyuu siwaliin jira?, Jibriil:
Muhammadii naa waliin jira, Malaaykaa: haa olbahuu ja’anii itti si’erganii?,
Jibriil: ee je’een, Malaaykaa: baga dhufe dhufiinsi isaa waa gaariidhaa
(dansaadhaa). Yeroo nurraa bananii olbaanu Idriisiitu jira inni
Idriisii
irratti salaamadhu naan ja’an, irrattiin
salaammadhe salaamtaa naaf deebisee baga dhufte yaa obboleeysa gaarii yaa
nabiyyii gaarii je’ee na dhiheeyse
Eegasii naan deeman hanga samii
shanaffaa naan gehanitti
Jibriil eeyduu (malaaykaa) hulaa
samii shanaffaatiin dhadhawee bani je’een:
Malaaykaa: eenyu je’een.
Jibriil:Ana Jibriili je’een, Malaaykaa: eenyuu siwaliin jira?, Jibriil:
Muhammadii naa waliin jira, Malaaykaa: haa olbahuu ja’anii itti si’erganii?,
Jibriil: ee je’een, Malaaykaa: baga dhufe dhufiinsi isaa waa gaariidhaa
(dansaadhaa). Yeroo nurraa bananii olbaanu Haaruuniitu jira inni Haariiniiti
irratti salaamadhu naan ja’an, irrattiin salaammadhe salaamtaa naaf deebisee
baga dhufte yaa obboleeysa gaarii yaa nabiyyii gaarii je’ee na
dhiheeyse
Eegasii naan deeman hanga samii
jahaffaa naan gehanitti
Jibriil eeyduu (malaaykaa) hulaa
samii jahaffaatiin dhadhawee bani je’een:
Malaaykaa: eenyu je’een.
Jibriil:Ana Jibriili je’een, Malaaykaa: eenyuu siwaliin jira?, Jibriil:
Muhammadii naa waliin jira, Malaaykaa: haa olbahuu ja’anii itti si’erganii?,
Jibriil: ee je’een, Malaaykaa: baga dhufe dhufiinsi isaa waa gaariidhaa
(dansaadhaa). Yeroo nurraa bananii olbaanu Muusaatu jira inni
Muusaadhaa
irratti salaamadhu naan ja’an irrattiin salaammadhe salaamtaa naaf deebisee baga dhufte yaa
obboleeysa gaarii yaa nabiyyii gaarii je’ee na dhiheeyse
Yeroon ani bira dabru Muusaan
nibooye maaliif boocha jannaan gurbaa
naboodaan ergame ummata isaa hedduutuu jannata seena waan ummata kiyya irra
hedduu. (isaaf quudhuu dhabuu osoo hin tahin osoo ummanni kiyyaas skkasitti naaf
seenee jachuufi).
Eegasii naan deeman hanga samii
torbaffaa naan gehanitti
Jibriil eeyduu (malaaykaa) hulaa
samii torbaffaatiin dhadhawee bani je’een:
Malaaykaa: eenyu je’een.
Jibriil:Ana Jibriili je’een, Malaaykaa: eenyuu siwaliin jira?, Jibriil:
Muhammadii naa waliin jira, Malaaykaa: haa olbahuu ja’anii itti si’erganii?,
Jibriil: ee je’een, Malaaykaa: baga dhufe dhufiinsi isaa waa gaariidhaa
(dansaadhaa). Yeroo nurraa bananii olbaanu Ibraahiimiitu beeytal ma’amuuritti
irkatee taa’u jira kuni eenyu jannaan inni abbaa kee Ibraahimii irratti salaamadhu naan ja’an, irrattiin salaammadhe salaamtaa naaf
deebisee baga dhufte yaa ilma gaarii yaa nabiyyii gaarii je’ee na dhiheeyse
Eegas isa bira dabarree hanga
dachii walqixaa takka geenyuu, muka sidratul muntahaa (qurquraa) tokkoon arke
guddinarraa kan hundeen isaa samii jahaffaa jirtu kan mataan isaa samii
torbaffaa jiru, qurquraa san kan wan akka billaachaa tan ziqayarraa taatee isa
hagoogee jira kan firiin isaa akka okkotee biyya hajar fakkaata kan baalli isaa
akka gurra arbaa tahe laga afuriitu ichi jalaan ol yaa’a, kuni maali je’eetiin
gaafadhe lagni lama kan keessati gadi yaa’u laga jannata keessa yaa’u san
seehuunii fii jeehuuni ja’ama lagni lamaan gubbaa laga adunyarratti gadi yaa’u
san niilii(abbay) fii furaati. Eegasii hanga dachii walqixaa takka naan deeman
hangaan bakka qlama Rabbiin kakateen san isaa katabu dhagayu gayutti, achirraa
deemee hanga jannataa fii ibiddallee nagarsiisanitti manneen jannataa kan faaya
ziqayarraa jaarame biyyeen isaa miskiidha, eegas Rabbiin anaa fii ummata
kiyyarratti salaata shantama waajiba nurratti godhe. Yeroon achii gadi deebi’u
muusattiin dhufe muusaan Rabbiin kee maal sii fii ummata keetiin je’e? je’ee
nagaafate, salaata shantama halkanii fii guyyaa keessatti nurratti waajiba
godheen je’een muusaan deemi deebi Rabbii keetiin narraa laaffisi je’ii itti
deebi’ii kadhadhu ummanni banii israa’iil jajjabaan sanuu subii fii asrii
dadhabanii, deebi’eetiin kadhadhe. salaata shan narraa irrise” akkasuma ammallee hanga yeroo sagal itti
daddeebi’ee salaata shanitti narraa deebisutti
Ammaas yeroon muusatti dhufu
muusaan ammaas ummanni kee hin dandayanii Rabbii kee kadhadhu akka sirraa
laaffisu. ittiin deebi’e Rabbiin naaje’e: isiin shaniitii sawaabni isii
shantamii nabiratti jachi hin jijjiiramu deem waajiba kiyya sitti geeysee
sirraahillee laaffisee.. Eegasii muusaan ammas yeroo kudha takkaffaa itti
deebi’i naanje’e ani Rabbii kiyya qaanfadhee ammaan
tana niin qeebalaan je’een.
akkasitti salaata shananiin
gale.
Asirratti wanni isin hubachiisuu
barbaanne guyyaa mi’iraajaa ja’anii wanni kabajamu tokkolleen akka hin jirre,
guyyaa mi’iraajaa kabajuun bida’aadha namni guyyaa kana kabaje itti dilaawa.
Nuti wanni kana barreeysineef
akkuma namni islaamaa baratuuf qofa ammo guyyaa kana akka iidaatti kabajuu irraa
haa if eeynuu
Galatoomaa warra waan dhagaye itti dalgu nuhaa godhu. |