Obsa

 

 

Obsa

بسم الله الرحمن الرحيم   

Addunyaa tana keessa waan hundaafuu  faallaatu jiraaf akka  dhiiraaf – dhalaan jirtutti , dheeraaf - gabaabaan, duruummaaf – hiyyuummaa, .gammachuuf – gadduun,
Rakkoofiis – Bal'inaa jiraaf.Tanaafuu kun waan seerri addunyaa
  ittibulaa jirtu  tahuu isiin waa dhukattuu miti.  nuttiis waan addunyaa tana keessa  jirruuf seera kana fudhannee isii tanaaf qophaawuutu nurra jira malee akkamitti seerri faallummaa kun kan naaf hin taane kun maaliif naqunname jannee addunyaa tanarraa abdii murachuu hin qabnu.
    Waan faallaa tana keessaa akkuma dubbanne  Rakkoof faallaan isii Ballina .Rakkoo yoo janne tan akka diinaggee irratti namatti dhuftu, rakkoo fayyaa irratti namatti dhuftu, yaadaa fii  k.k.f
Rakkoo namatti dhufteef abdii murachuu  dhabuudhaan obsuun waan akkaan ilma namaatti jabaatu. tanaaf namni garii Rakkoo isarra geesse baadhachuu dadhabee kan silaa rakkoo sanirratti obsee lubbuu isaa, fira isaatii fii nama hunda fayyaduu osoo dandayuu bakka barbaadu osoo hingeenye kharaa jiddutti hafa. duuba addunyaa nuun marsite tan ijaan garrruu fii tan ijaan hin garre hunda, waan dachii fii samii keessa jiru hunda  kan isii tana  uumee tottoohatuu jira san akka Rabbii guddaa tahe  kan waan hundarraa qulqullaawe tahe namni falmu hinjiru .
  
Eegakan addunyaa tana uume, Rabbii guddaa tahe, heerri isii keessa adeemsifamu hundi kan Rabbiin kaayee qopheeyse. duuba namni Rabbitti amanu akkamitti heera faallumaa kanarratti obsee gamachuudhaan qeebaluudhaba ?

1. Rabbiin Qur’aana keessatti akka warri waan hamtuurratti obse aakhiraatti badhaasaan isaan gamachiisu dubbate. tana arkachuuf Namni Rabbitti amane waan hunda irrratti obsuu qaba.

2.Gargaarsi Rabbii warra waan hamtuu isarratti geesserratti obse wajjiin jira .
tanaaf gargaarsa kana arkachuuf namni Rabbitti amane waan hundaratti obsee gammachuun qeebaluu qaba. fuuldura Rabbiin oltahe balloo guddoo naaf fida akkasuma jannata naaf kanna je'ee obsuu qaba.

 

 

 

Copyright © 2008  oromomuslim.com All Praise is due to Allah (SWT)