Yaa kan Salaata jama'a irraa
booda anu

 

 

 

بسم الله الرحمن الرحيم   

Yaa kan salaata jam'aa iraa booda aanu

Yaa Obboleeysa islaamaa nama tokko ka warshaa keessa hojjatu kan hin dhufne bakka hujii torbaanirraa guyya tokko malee yoo kaa amatarraa ji'a tokko malee, ifhifannaa  irraa kan ka'e ammo dirqamni isaa guyyaarraa akka bakka hujitti argamu akka hojjattoota biraatti " ani mana kiyya taa'eetiin  hujii gaggeessa " ja'a  nama kanaan maal jattu...? hujiirraa ari'amuu dirqama hin godhatuu ? duuba nama islaamaa kan masgiida hin dhufne torbaan irraa guyyaa tokko malee ( jummata ) . mana taa'eetiin salaata ja'a. duuba diraqam hin godhatuu? rahmata Rabbii irraa   fageeyfamuu . Ganama bariihurraa hojjattoonni  gara hujii isaani yeroo deeman barattoonni gara mana barnoota yeroo deeman  hoggaa lallabaan Rabbii salaataaf lallabu ( Azaanu ) keessattuu salaata fajrii ( subhii ) nama xiqqo malee khara masjidaa  hin bahu sababiin maali.... ? haqni Rabbii khabajamuutti kan duurfamu hintaane  ? manni Rabbii ( masjiinni) irra caalaa fii irra Qulqulluu lafaatti  salaataa fii zikrii Rabbiitiin  masjida boharsan akka Rabbiin Qur'aana keessatti nuuf dhaame suuraa 24 ayaata 36-38  , ayaata kana gama booda keessatti  Rizqiin harka Rabbi keessa jirti nama fadheef kanna  namafadhe dhoorkata nama inni kanneef namni dhoorkatu hin jiru nama inni dhoorkate namni keennuuf hin jiru , gabrichi dilii (hamtuu) inni dalageen waan Rabbiin isaaf murteesse arkata. akka Ergamaan  Rabbii ja'etti " Dilii tamtu irra  guddoodha nama ajaja Rabbii dagatee haqa isaa dura haqa nama biraa   caalchiserra .  ergamaan Rabbii (Nagayaa fii Rahamanni Rabbi irratti haajiraatu) mana irratti gubuu fadhe warra salaata jama'aa irraa booda aanaan waan joollee fii dubartii hintahiin . irra badaa dalagaa munaafiqaa irraa salaata jama'aa (masjiida keessatti waliin slaatu ) irra fagaachuudha akka Rabbiin ja'etti " 'Warri munaafiqaa' yaroo salaatan if hifannaa fii  nama agrsifachuuf male hinsalaatan " Qur'aana (4:142) .
Abdallaah ibnu Mas'uud Akkana ja'a" eenyu namni salaata jam'aa  irraa hafu nama munaafiqummaan isaa beekkamu malee " duuba murna munaafiqaa irraa tahuu nifeeta ? isaan warra akkaan azaabni Rabbii itti jabaatu itti jabaachuu keessa ibidda keessatti kaafira jala tahan ...yaa obboleeysa islaamaa mana keessatti salaattaa  mana Rabbii irraa fagaattee ati hanga feete jiraattuus addunyaa tanarraa masgiida seenuun kee dirqama. du'aan taatuu jiruun taatuu,  osoo reefka kee ba'atanii siin hin seenne atii fayyaa qabdu, jiruun jirtu seeni itti bololi. eega ati duutee horiin kee, nagganni kee, firri keetii fii warri kee  waatakka siif hin fayyadan. duuba salaata jama'aa kana nitiiyfannaa ? ergamaan Rabbii (Nagayaa fii Rahamanni Rabbi Isaanirratti haajiraatu ) namni  ija ballaa tokko itti dhufee akka
nama isa qabe gara masgiidaa isaan deemu hinqabnehimeefii akka manatti  salaatu hayyama gaafannaan, eega hayyama godheef booda. isa yaame  "azaana gurra keetiin nidhageessaa? " je'ee gaafannan "ee" ja'een , akka dhufuu qabuu isa hubachiise. duba kan nama ija hinqabneef ergamaan Rabbii hayyamuu dide  nama fayyaa qabuu kan ijaan argu haalli isaa akkam haatahu!.
 Aliyyii Ibnu abii Xaaliib akki je'e " nama ollaa masgiidaatiif manatti salaatuun hinjiru masgiida yoo tahe malee" jannaan akki ja'anii gaafatan "eenyu warri ollaa masgiida ?" ja'anii gaafatan " nama azaana gurran dhagyu hunda " ja'een
 duuba ragaa kana hunda booda nama masgiida irraa hafee manatti salaatu dhibdeen maletti  nama akkanaatiif ragaan kuun hundi isarratti ragaa bahuuf teessi. nama barruu tana dubbisee fii kan dhagahee itti hindalagin gaafa Qiyaamaa irraa gaafatamuuf taa'aa .
   
tanaafuu
yaa obboleeyyan islaamaa salaata jam'aa haatiiyfannuu
akka guyyaa boruu milkooynu

 

 

 

Copyright © 2008  oromomuslim.com All Praise is due to Allah (SWT)